Find Posts By Topic

SagantaanAmma Yaabbadhu Haaran yaabbiwwan bilisaa ykn gatiin gadi-bu’e geejjiba hawaasaa fi imalawwan biraa naannawaa namoota dulloomoo (65+) fi hir’ina qaamaa qabaniif ni kenna – caalan baradhuutii yoo ulaagaa kan guuttu ta’e ilaali!


Please note: you can return to the English version of this blog post, by clicking here.


Suuraa jiraattota Siyaatil dulootaa Giddu-galaawwan Lake City fi South Park kan filannoowwan geejjiba hawaasaa Siyaatil keessaa wajjin wal barsiisuf imala geejjiba hawaasaa kallata'ee 2021 keessa fudhatan. Maddi suuraa: SDOT
Suuraa jiraattota Siyaatil dulootaa Giddu-galaawwan Lake City fi South Park kan filannoowwan geejjiba hawaasaa Siyaatil keessaa wajjin wal barsiisuf imala geejjiba hawaasaa kallata’ee 2021 keessa fudhatan. Maddi suuraa: SDOT

_______

Cuunfaa:

  • Sagantaa addaa haarawaa Yaabbii Ammaa (Ride Now) jedhamu jalqabaa jirra, gara buufatawwan geejjiba hawaasaatti fi bakkeewwan biraa dhiyoo kan geejjiba hawaasaa qofaan qaqqabuu hin dandeenye yaabbiwwan bilisaa ykn gatiin gadi bu’aa ta’e kennuuf – keessayyuu namoota dulloomoo (65+) fi hir’ina qaamaa qabanii fi warra isani kunuunsuf.
  • Miseesonni hawaasaa ulaagaa guutan voocharoota $20 yaabbiwwan Yellow Cab, Uber, ykn Lyft fi fayyadaman fudhatu.
  • Yabbatoonni ulaagaa guutan voocharoota 6 baatitti gaafachuu danda’u, kan bifa voochara waraqaatin ykn koodiwwan dijitaalatiin kennamuu danda’an.
  • Voocharoonnu imaloota Siyaatil keessaa ka’aniif ykn keessatti dhumaniif, akkasumas yaabbattoonni imaloota geejjiiba hawaasatti walitti hidhamaniif hir’ina gatii ol’anaa argachuu danda’u.
  • Voocharoota gaafachuuf, maaloo www.seattle.gov/transportation/RideNow daawwadhaa ykn (206) 684-ROAD [7623] irratti nu bilbilaa.
  • Voocharoonni karaa dhaabbatoota bu’aaf-hin-hojjanne hawaasa keessatti hunda’ani Siyaatil keessaa filatamaniinis ni dhiyaatu. Maaloo www.seattle.gov/transportation/RideNow daawadhaa odeeffannoo harawaadhaf.
  • Sagantaan addaa Yaabbii Ammaa baatiwwan Bitootessaa, Ebla, fi Caamsa 2022 banaa ta’a. Voocharoonni yaabbii Waxabajjii 1, 2022 booda hin fudhataman.
  • Qo’annoo filannoonii dubdeebii namoota saganticha addaa yaalaniif ni dhiyeessina; kun yoo fi akkamitti waan walfakkaatuu fulduratti kennuun nurra jiru murteessuf nu gargaara.

_______

2020 keessa, Qajeelcha Geejjibaa Siyaatil (SDOT) gargaarsa maallaqaa Transit Planning 4 All, sagantaa biyyoolessaa hawaasaaleen guddisuuf dalagu fi tajaajilawwanii fi filannoowwan geejjiba hawaasaa naannawaa fooyyessuuf sagantaawwan karoorfannaa hammataa ta’an hojiirra oolchu.

Gargaarsi maallaqaa kun nuu eeyyame akka adeemsa karoorfannaa hammataa, gatii kafalu gaggeessu fii deeggarsa sagantaa addaa socho’aa namoota dulloomanii fi hir’ina qaamaa qabanii, akkasumas kunuunsitoota isaanitiif ni dhiyeessa.

Sagantaan addaa kun, Yaabbii Ammaa jedhamu, gara buufatawwan geejjiba hawaasaatti fi bakkeewwan biraa dhiyoo kan geejjiba hawaasaa qofaan qaqqabuu hin dandeenye yaabbiwwan bilisaa ykn gatiin gadi bu’aa ta’e kennuuf yaadame. Hirmaattonni sagantaa yaabbiwwan kana yeroo barbaadan gaafachuu ni danda’u, lafjalee iddoo qabsiisun hin barbaachisu, akkasumas Yellow Cab, ykn Uber ykn Lyft qaqqabaman balbala isaanii duratti dhufa.

Kaayyon sagantichaa caalan filannoowwan geejjibaa qaqqabamaa, mija’a, fi gatii madaalawaa ta’e miseensota hawaasaa dhiyeessudhaaf.

Dansaa fakkaata. Eenyu dhugaadhan hirmaachuf kan ulaagaa guutu?

Sagantaan kun namoota dullooman, hir.ina qaamaa qaban, fi kunuunsitoota namoota kanaan wajjin deeman tajaajiluuf saxaxame. Voocharoonni imaloota magaala Siyaatil kessaa jalqabani ykn dhumani irratti hojjata, akkasumas imaloota geejjiba hawaasatti walitti hidhatanirraa hir’ina gatii ol’aanaa fudhata. Qajeelchi baldhinaan caalan www.seattle.gov/transportation/RideNow irratti dhiyaata.

Namoonni ulaagaa guutan kan dabalatu:

  1. Namoota ga’eeyyii dollooman: Namoota umurii 65 ykn olii.
  2. Namoota hir’ina qaamaa qaban: Namoonni hir’ina qaamaa gosa kamuu qaban kan dandeettii geejjiba hawaasaa qaqqabuu isaanii irratti dhiibbaa qabu, hir’ina qaamaa fi sammuu dabalate.
  3. Kunuunsitoota: Namoota yaabbatoota ulaagaa guutan kanaa olii wajjin deeman.
Miseensonni hawaasa Siyaatil ollaa Alki Dhiha Siyaatil keessa guyyaa aduutti gammadaa jiru (bitaa) akkasumas atobisii yaabbatanii deemu (mirga) yeroo imaloota daandii dheeraa geejjiba hawaasaa isaanii 2021 keessaa. Maddi suuraa: SDOT
Miseensonni hawaasa Siyaatil ollaa Alki Dhiha Siyaatil keessa guyyaa aduutti gammadaa jiru (bitaa) akkasumas atobisii yaabbatanii deemu (mirga) yeroo imaloota daandii dheeraa geejjiba hawaasaa isaanii 2021 keessaa. Maddi suuraa: SDOT
Dubartiin barcuma-golollee humna qabu fayyadamtu atobisii RapidRide C yaabbachuuf eeggachaa jirti. Maddi suuraa: SDOT
Dubartiin barcuma-golollee humna qabu fayyadamtu atobisii RapidRide C yaabbachuuf eeggachaa jirti. Maddi suuraa: SDOT

Argadhe. Kanaafuu sagantaan Yaabbii Ammaa akkamitti hojjata?

Graphic showing the 4 steps to take a ride with the Ride Now program.
Graphic: SDOT.

Erga voocharoota yaabbii keessanii gaafatanii fi fudhatanii booda, kunoo akki itti fayyadaman:

Tarkaanfii 1: Yaabbii qabachu

  • Tooftawwan jiran kanneen kamiinuu yaabbii keessan qabadhaa:
    • Bilbila: Yellow Cab calling (206) 622-6500 bilbiluun qabadhaa.
    • Aappii bilibilaa: Yellow Cab, Uber, ykn Lyft bilbila keessan irratti karaa aappii isaanitiin qabadha.
    • Kompiitara: Uber ykn Lyft karaa marsaaritii kompiitara ykn taableetii keetii.
  • Yoom yaabbii keessan akka qaqqabu odeeffannoo ni argattu akkasumas shufeera keessan waantonni tokko tokko akka mijeessan gaafachuu ni dandeessu.

Tarkaanfii 2: Konkolaataan yeroodhan qaqqaba

  • Yaabbin Yellow Cab, Uber, ykn Lyft dhiyeenyatti qaqqaba, yeroo baay’ee erga gaafatamanii daqiiqaawwan 10-30 keessatti.
  • Yellow Cabn yaabbatoota warra barbaadaniif konkolaatota barcuma-gololleedhan qaqqabaman ni dhiyeessu.
  • Konkolaattonni Uber ykn Lyft baay’inaan konkolaataa manaa (xixiqaa) dha, yoo addan baafamee himame malee.

Tarkaanfii 3: Buusu fi kafaluu

  • Shuffeerri buufata geejjiba hawaasaa isa dhiyootti ykn bakkee xumura imalaa biraa dhiyootti isin buusa.
  • Vawcharii waraqataa ykn koodii dhaadhessaa fayyadami akka kaffaltiin imalaa irraa siif bu’uu/ir’atuu.
    • Hir’isni gatii yaabbii $20 baasii imaloota baay’ee maayila 3 gadii bilisa ykn haalan gadi hir’isuuf yaadameeti.
    • Kaffaltii hafe kafali.
      • Yaabbii Yellow Cabiif, kaffalti harkaan ykn credit/debit kaardidhaan kafaluu ni danda’ama.
      • Kaffaltti imalaa hafu kan Lyft ykn Uber irraatiif credit ykn debit kaardii fayila smartphone aappii keessa jiruun kafalamuu qaba.
  • Maaloo shufeera keessan tiipii kennuufii hin dagatinaa!
    • Yellow Cabiif: Kaffaltiin vaawcharii waraqaa irratti hafu tiipii keennuuf fayyadamuun ni danda’ama ykn kaffalti harkaatiin tiipii kennuufi dandeessu.
    • Lyft ykn Uberiif: Shufeerotaaf tiipii keennufiif karaa smartphone aappitiin credit/debit kaardii fayila irraa jirun ni danda’ama.
    • Koodiin dhaadhessa yaabbiwwan Uber ykn Lyft tiif itti fayyadamuun hin danda’amu.

Sadarkaa 4: Dubdeebii kennaa (ni jajjabeefama)

  • Qo’annoo gabaabaa iddo dubdeebii keessan yaabbii keessan irratti kennuu dandeessu ni argattu, sun tajaajila fulrduraa bifa qabsiisuf nu gargaara.

Salphaa fakkaata! Sagantaawwan geejjiba hawaasaa biraa qaqqabamoo, gatii madaalawwa qaban Kiing Kaawuntii keessa amma jiran jiruu?

Eeyyee. Kiing Kaawuntiin sagaantaawwan tajaajila geejjibaa qaqqabamaa baay’ee ni dhiyeessa, kun kan dabalatu qaqqabiinsa tajaajila atobisii waliigalaa fi AccessGeejjiba. Yaabbattoonni kaardiwwan Eeyyama Gatiin Hir’ate Kan Naannoo (RRFP) gaafachuus ni danda’u, darbaawwan geejjiba hawaasaa gatiin hir’ate dulloota fi namoota hir’ina qaamaa qabanii.

Tajaajiloota yaabbii “yoo gaafatame” biraa naannawaa keessaa kan dabalatu:

  • Via kara Geejjiba Hawaasaa, kan hawaasota Othello, Rainier Beach, Skyway, Renton, fi Tukwila keessaf tajaajila kennan, yaabbiwwan yoo-gaafatame gara geejjiba hawaasaa furtuu fi bakkee hawaasni itti sassaabamu, ykn yaabbiwwan iddoo tokkoo iddoo tokkoo fi irraa yaabbatoota Access if ulaagaa guutanii.
  • Hyde Konkolaatota Deddeebi’oo (Shuttles), kan tola ta’an, konkolaatota deddeebi’o ollaa keessatti hunda’ani namoota dulloomo fi hir’ina qaamaa qaban.

Odeeffannoo geejjiba hawaasaa waliigalaa fi imala keessan itti aanu karoorfachuuf madda gargaarsaf, maaloo meeshaa karoorfachuu imala onlaayinii Kiing Kaawuntii Metro, marsaaritii Sound Transit, ykn marsaaritii Sagantaa SDOT Transit ilaalaa.


SDOTn saganticha addaa eenyu wajjin hojjateYaabbii Amma uumuu fi jalqabsiisudhaa?

Komitee duursoota hojii murteesitu tan hawaasa keessatti hundoofte tan kafalamuuf: Komiteen kun hawaasa qooda-qabeeyyii 7 dabalata, martuu yaabbatoota gahumsa qaban ulaagaa sagantichaa jalatti fi qabeenya beekkumsaa guddaa waa’ee qaqqabiinsaa, waantota sosochiif barbaachisoo ta’an, muuxannoo dansaa qaqqabiinsa afaanii, fi ilaalchota hawaasaa biraa adeemsa keenya guddisuuf nu gargaaran kan fidanii dha.

Gareewwan biraa waliin shariika taane kan dabalatu:

  • Karoorfachuu Geejjiba Hawaasaa Hundaaf (Transit Planning 4 All): Transit Planning 4 All sagantaa karoorfachuu-geejjibaa biyyoolessaa kan raawwii karoorsa hammataa barbaadu fi beeksisu – fi kan raawwiiwwan gaarii karoora geejjibaa namoota hir’ina qaamaa qabanii fi dulloomoo hammatu jajjabeessu dha. Transit Planning 4 All gargaarsa maallaqaa sagantaa addaa kana akka ta’u gochuuf gargaare kan dhiyeesse dha.
  • Sound Generations – Pirojeektii Gidu-gala Dullootaa Lake City/Northgate S: Pirojeektiin Gidu-gala Dullootaa Lake City-Northgate xiyyeeffannaa jabaa madaalawaa fi dabaluu (hammachuu) kennu dhan itti dhiyeenya ‘gidaara malee’ fudhata. Namoonni ga’eyyini umriin guddaa duub-duubee maraa sagantaawwan fi gochoonni akka daansii Latin, Mahjong, kutaawwan aartii, ayaanneffannaawwan aadaa, nyaatawwan bilisaa/arjooman, fi waantota biraa irratti ni hirmaatu. Giddu-galli karaa walitti dhufeenyaa kallattii hojii hawaasaa tiin tajaajilaawwan hawaasaasi, qaqqabiinsa, madda gargaarsaa, fi maamilootaa daawwanaa manaa, akkasumas namoota dulloomoo Dhiha-kaabaa Siyaatil gargaarsa waantoota barbaachisoo adda addaa ni kenna.
  • King County Metro – Sagantaa Sosochii Kalaqaa: Sagantaa Sosochii Kalaqaa King County Metro namootaf karaa baay’ee Kiing Kaawuntii keessa deemuf kennuuf tajaajiloota futta’aa fi teeknolojiiwwan haarawaa guutudhaan kan fayyadamuudha. Karaa kaka’uumsa qo’annoo tarsiimotiin fi paayiletota tajaajilaatin, Metroon itti dhiyeenya haarawaa geejjibaattii kan akka sosochii qoodamanii, Sosochii-akka-Tajaajilaa, konkolaatota ofiin ofi hojjachiisan, fi Magaallawwan Qaruutee (Smart Cities) barbaadaa jira. Metroon kalaqaalleen haalan dansaa shariikummaa dhaabbatoota mootummaa, hawaasawwan, fi damee dhuunfaa wajjinii keessa dhufa.

Xumuuratti…

Miseensonni hawaasaa ulaagaa guutan yeroo Bitootessa, Ebla, fi Caamsaa 2022 keessa saganticha addaa Yaabbii Ammaa keessatti ni hirmaatu jenneeti abdanna.

Maaloo www.seattle.gov/transportation/RideNow keenya ilaalaa caalan barachuuf akkasumas voocharoota keessan ardha gaafadhaa!

Suuraa miseensota hawaasaa Siyaatil dulloomoo baabura salphaa Link yaabachuuf qopha'a jiran. Maddi suuraa: SDOT
Suuraa miseensota hawaasaa Siyaatil dulloomoo baabura salphaa Link yaabachuuf qopha’a jiran. Maddi suuraa: SDOT

Cuunfan kaayyoo fi fayyidaawwan saganticha Yaabbii Ammaa:

  • Sagantichi Yaabbii Ammaa qaqqabiinsa saffisaa, salphaa, fi gatiin madaalawaa ta’e namoota dullooman fi hir’ina qaamaa qaban fi kunuunsitoota isaanif dhiyeessuu yaada.
  • Yaabbiiwwan kan kaayyefate filannoowwan sosochii dabaluu fi namoonni akka bakka geejjiba hawaasaa haalan dhiyoo isaanii jiru qaqqaban gargaaruf – buufa baabura salphaa Link haata’uu dhaabbii atobisii naannoo – ykn imala biraa, gabaabaa naannawaa gara bakka gahuu barbaadanii kan qulqullina jireenya guyyuu miseensota hawaasa kana foyyeessuuf gargaaruu danda’uu dha.
  • Kun keessayyuu fayida-qabeessa yeroo filannoowwan geejjiba hawaasaa anga mana nama sanaatti ykn bakka gahuumsaa dhiyoo biraa kan akka paarkii ykn mana miseensa maatii hin qaqqabne.
  • Sagantaan addaa kun gufuuwwan geejjiba hawaasaa qaqqabu hir’isuratti gargaaruu akka danda’u akkasumas qawaa manguddoota fi namoota hir’ina qaamaa qaban ykn waantota biraa sosochiif barbaachisan duuchuuf gargaara jenneeti abdanna.

Miseensota hawaasaa mangudaawan (manguddoo), namoota hir’ina qaamaa qaban, ykn waan sosochii qaqqabuu addaa barbaadan, kunuunsitoota isaanii, fi jiraatota Siyaatil maraa, filannoowwan geejjibaa qaqqabamaa fi gatiin madaalawaa ta’e nama maraaf caalan dhiyeessuf tajaajiluu itti fufuuf dharraadhan eegna!