Find Posts By Topic

Karoora Geejjiba Siyaatil | Waa’ee fedhiiwwan fi waantota dursa kennitaniifii dhagawuu barbaanna. Qorannoon keenya haaraa fudhadhaa, gara taatee dhufutti koottaa, bakka jijjiiramaaf ta’u eessatti akka argitan nuuf himaa.


Cuunfaa

  • Nutti makamaa! Waliin, akkamitti magaalicha keessa akka warraaqnu fi daandiiwwan keenya fi bakkeewwan uummataa tti gammadnu irra deebinee yaadaa jirra.
  • Hawaasa bira gahuu marsaa jalqabaa keessa jirra. Maaloo feedhiiwwan geejjiba keessanii fi waantota dursiiftan nutti himaa!
  • Karoora Geejjiba Siyaatil qopheessuuf karaa hedduun gargaaruu dandeessu. Ammuma irratti qooda fudhachuuf Wirtuu Hirmaannaa Online Geejjiba Siyaatil daawwadhaa.
  • Waajjirri Karoora fi Misooma Hawaasaa (OPCD) akkasumas, Fooyya’iinsa Karoora Waliigalaa Siyaatil uumuuf gargaarsa keessan gaafachaa jira. Kuni Karoora Siyaatil Tokkoo jedhama.

Nutti makamaa! Waliin, akkamitti magaalicha keessa akka warraaqnu fi daandiiwwan keenyaa fi bakkeewwan uummataatti gammadnu irra deebinee bocaa jirra.

Karoorri Geejjia Siyaatil (STP) sirna geejjibaa naga qabeessa, gahumsa qabu, fi gatiin madaalawaa ta’e ijaaruuf kutannoo keenya.  STPn gara fuulduraatti akkamitti magaalattii keessa socho’uu akka barbaannu hunda keenyaaf carraa itti tilmaamnudha.

STPn waggoota 20 dhufaniif invastimantii geejjibaa biyya keessaa ni qajeelcha – kanaaf isin irraa dhaga’uu barbaanna!

Karoora Geejjiba Siyaatil qopheessuf karaa hedduun gargaaruu dandeessu!

Hawaasa bira gahuuf marsaa jalqabaa jalqabneerra. Maaloo feedhiiwwan geejjiba keessanii fi waantota dursiiftan nutti himaa.

Qorannoo keenya haaraa fudhadhaa, taatee dhufaa jirutti koottaa, akkasumas jijjirraf bakkeewwan Siyaatil keessa eessatti akka argitan nutti himaa.

Ammuma irratti qooda fudhachuuf Wirtuu Hirmaannaa Online Geejjiba Siyaatil daawwadhaa.

Waliin taanee sirna geejjibaa ammas ta’e gara fuulduraatti nama hundaaf haala gaariin hojjatu ni ijaarra.

Ammaa kaasee hanga ganna 2022 tti, isin fi shariikota dhaabilee hawaasa bu’ura godhatan wajjinii ni dalagna. Feedhiiwwan geejjiba keessanii fi waantota dursiiftan hubachuuf abdii qabna.

Waan beekuu barbaannu:

  • Waa’ee hegeree geejjibaa Siyaatil yeroo yaaddan maal arguuf abdattu? Maaltu isiniif barbaachisaadha?
  • Naannawaa Siyaatil oggaa deemtan, danqaawwan maaltu isin mudata? Naannawaa Siyaatil keessa deemuf maaltu salphaa taasisa?

Ammuma irratti qooda fudhachuuf Wirtuu Hirmaannaa Online Geejjiba Siyaatil daawwadhaa.

Deebiiwwan keessan bu’uura Karoora Geejjiba Siyaatil ijaaruf gargaara. Birraa 2022 keessa, waantota dhageennye fi gaaffiiwwan dabalataan isinitti deebinee dhufna. Arfaasaa 2023 keessa, barreeffama jalqabaa isiniif qoodna.

Waajjirri Karoora fi Misooma Hawaasaa (OPCD) akkasumas, Fooyya’iinsa Karoora Waliigalaa Siyaatil uumuuf gargaarsa keessan gaafachaa jira. Kuni Karoora Siyaatil Tokkoo jedhama.

Karoorri Siyaatil Tokkoomurteewwan barbachisoo qajeelcha, kan akka:

  • Bakkee manneen fi dalagaaleen jiran
  • Essattii fi akkamitti geejjiba, tajaajiloota, paarkota, fi caala irratti investii goona.

Kaayyon Siyaatil caalan walqixa, keessa jiraatamuu kan danda’amu, itti fufiinsa kan qabu, fi dadeessu taasisuu dha.

Caalan barachuu fi fulduree fakkii-guddaa Siyaatil qajeelchuf yaadaa keessan qooduf Wirtuu Kirmaannaa Karoora Siyaatil Tokkoo OPCD daawwadhaa.


Waa’ee STP dabalataan baradhaa tii akkasumas yaadawwan keessan afaan filattaniin qoodaa: