Find Posts By Topic

Sagantaan addaa Yaabbii Ammaa waan irra jiru – maaltu haalan deeme fi barnoota fulduraaf


Please note: to return to the English version of this blog, you can click here.


Miseensota koree hoggansa sagantaa addaa Yaabbii Ammaa suuraa garee Sadaasa 2022 kaafame irratti. Suuraa: SDOT.
Miseensota koree hoggansa sagantaa addaa Yaabbii Ammaa suuraa garee Sadaasa 2022 kaafame irratti. Suuraa: SDOT.

Sagantaa addaa Yaabbii Ammaa jedhamu kan yaabbiwwan bilisaa ykn gatiin hir’ifame gara geejjiba hawaasatti fi bakkeewwan biroo dhiyeessu dhiyeenya kana xumuurre. Saganticchi namoota hir’ina qaamaa qaban, manguddoota, fi kunuunsitonni isaanii akka magaala Siyaatil keessa fi naannawaa imalaniif.

Saganticha irra deebine ilaallee, waan haala gaarin deemefi waan baranne qoodaa jira. Kun walqixxummaa fi qaqqabiinsa gatiin madaalawaa foyyessuuf carraaqiwwan fulduraa odeeffannoo laatuf gargaaruu danda’a. Odeeffannoo dabalataa waa’ee saganticha addaa Yaabbii Ammaa marsaaritii keenya irratti, cuunfaa gabaasa keenyaa keessatti (armaan gadii), ykn maxansa bloogii keenya duraanii Ebla kessaa keessatti argachuu ni dandeessu.

  • Karoofanna hammataa irraa baruumsa Yaabbii Ammaa barame
  • Barnoota Yaabbii Ammaa Ojiirra Oolchuu irraa baratame

Walqunnamtii hawaasan wajjinii tarkaanfii mara anga dhumaatti dabalatee

Karoorfachuu fi ojiirra oolchuu sagantaa addaa kanaa keessatti miseensota hawaasaa wajjin hojjanne. Miseensotni hawaasaa kunneen kan dabalatu namoota hir’ina qaamaa qaban, manggudoota, kunuunsitoota, fi tajaajila dhiyeessitoota. Namoota kanneen yeroo karooraa hammachuun sagantaa yaalii galtee isaanii malee tokko caalaa fooyya’aa ta’e uumuuf nu gargaareera.

Walqunnamtii hawaasan wajjinii akka qaama sagantichaa barbaachisaatti ilaalle, akkuma tarkaanfii xumuuruf qofaa otoo hin ta’in. Bakka bu’ootii hawaasaa koree gorsituu ta’anii naannawaa baatiiwwan 18f tajaajilanis kafalneef. Kun milkaa’ina saganticha addaa keessaa isa tokko, akkasumas akka sagantich addaa haalan deemus gargaare. Sagantaawwan walfakkaatan fuulduraa keessatti miseensota hawaasaa hirmaatan kafaluuf tilmaamaa keessa ni galchina. Saganticha roga qabsiisuu gargaaruf nama maraafuu wal’amantummaa ijaaruf, itti toluuf (mija’uf), fi miseensota hawaasa wajjin dalaguuf yeroo fudhata.

Miseensotni hawaasaa lama vawucharoota waraqaa qabatanii jiru akka qaama Sagantaa Addaa Yaabbii Ammaa tti. Suuraa: SDOT.
Miseensotni hawaasaa lama vawucharoota waraqaa qabatanii jiru akka qaama Sagantaa Addaa Yaabbii Ammaa tti. Suuraa: SDOT.

Gamaagama sagantaa addaa Yaabbii Ammaa – waan baranne

Sagantich addaa Yaabbii Ammaa sagantaa gosa kanaatif feedhii uummataatif fi ojiirra waan ooluu danda’u ta’uusaa qore. Sagantaa vaawucharii yaabbannoo gaaffii irratti hundaa’eef sagantaa jijjiiramaa, salphaatti argamuu danda’u irratti fedhiin ummataa akka jiru arganneerra. Namoota fedhii qaban dhibba muraasa irraa dhageenya jennee eegnee turre, garuu namoota gara 1,000 taʼan irraa gaaffii arganneerra.

Milkiiwwan sagantaa addaa:

  • Dubdeebii hirmaatota irraa arganne irratti hundaa’un yaabbiiwwan daangaa malee bakkeewwan dhuma imaltoota irratti kennuun haalan hojjate akkasumas imala guyyaa guyyaatif caalan fayida qabeessa ture.
  • Hirmaatota ulaagaa guutuu ofuma isaanitii akka addaan baasan eeyyamuun haalan hojjate. Hanna tokkollee hin arganne, hirmaattonnis mala kana akka jaalatan qoodaniiru, akka sagantaalee biroo tokko tokkootti qaama miidhamummaa isaanii mirkaneessuu osoo hin taane.
  • Filannoowwan baay’ee kennuunis, dhiyeessaa yaabbii tokkoo oli fi vawucharoota waraaqaa fi elektiroonikaa wal makate dabalatee, haalan hojjate. Kun namootaf gosa yaabbii isaan barbaadan fi haala isaanii hojjatu bira qaqqabuu danda’anii filannoo dabalataa kenneef.
Hirmaataa sagantaa addaa Yaabbii Ammaa kaasuf shufeerri Taaksii Booraa qopha'a jira. Suuraa: SDOT.
Hirmaataa sagantaa addaa Yaabbii Ammaa kaasuf shufeerri Taaksii Booraa qopha’a jira. Suuraa: SDOT.

Sagantaawwan walfakkaatan fuulduraatif barnoota baraman.

Sagantaawwan walfakkaatan fuulduraa foyyeessuuf waantota gargaaruu danda’an baranne.

  • Manguddoowanii fi namoota hir’ina qaamaa qabaniif sagantaa vawuchara yaabbii yeroo-dheeraa kennuu.
    • Namoonni waan isanii barbaachisaa ta’e guutanii akka waantota fedhan irratti xiyyeefatan fayidaa ga’aa dhiyeessuu.
  • Yaabbatoonni anga danda’ametti tajaajila haala jijjiiramuu danda’uu akka filatan hubachuu.
    • Yaabbatoonni Uber fi Lyft tokko tokko gatii hin fayyadamne tursiifachuu danda’uu dhabuuf mufatan, fi warri biroo yaabbiiwwan gatiin $20 tti dhiyaate gatii vawucharoota isaanii anga danda’ametti olkaasuf carraaqan.
  • Waa’ee sagantichaa beekkumsa dabalataa ijaaruf shufeertota wajjin walqunnamtii uumuu. Fakkeenyaf:
    • Shufeertota koree gorsitoota keessa jiran dabalatee (tokkicha erga dhiyeessitoonni tajaajila addaan baafamanii).
    • Garee gorsituu qobaa shufeertotaa walitti qabuu.
    • Saganticha addaa beeksisuu fi gaaffiiwwan wal gaafachuuf shufeertota wajjin sagantaa ibsaa qabachuu fi waraabuu.
    • Jalqabumarraa waliin haasaa waa’ee saganticha addaa caalan shufeeratti xiyyeeffate qopheessuu.
  • Suutan xuumuraamuu caalan itti yaadame hordofuu:
    • Shufeertota murtaa’aniin vawucharoota yaabbii yaaluu (warra danqaa hin eegamne qabuu danda’an) yeroo dheeraf otoo sagantaa addaa isa muummee jalqabuun dura.

Sanadoota saganticha cuunfan marsaaritii keenya irrattidubbisuu ni dandeessu.

Miseensonni koree hoggansa sagantaa yaalii Ride Now walgahii Amajjii 2022 gaggeeffameen saganticha irratti mari’atan. Suuraa: SDOT.
Miseensonni koree hoggansa sagantaa yaalii Ride Now walgahii Amajjii 2022 gaggeeffameen saganticha irratti mari’atan. Suuraa: SDOT.

Istaatistiksii safisaa sagantaa addaa Yaabbii Ammaa:

  • Hirmaattota gara 1,000 ta’aniif vaawucharii 6,700 ol raabsinee jirra
  • Guutudhumatti, hirmaattonni gara %58 yoo xiqaate vawuchara tokko fayyadaman.
  • Yaabbatoonni imaloota 1,400 oli fudhatan (walii galatti, gara imaloota 2 tokko tokkoon)
  • Imalli idilee maayilii 3 gadi, gara daqiiqaa 11 kan fudhatuu fi konkolaachiftootaaf doolaara 5 gadi kan baasu ture
  • Walakkeessatti yaabbattoonni qabxii urjiiwwan 5 keessaa 4.1 kennan.

Jechoota hawaasaa

“Sagantaan kun barbaachisaa, fayida qabeessa, fi jijjiirama kan fiduu dha.  Ani manguddoo waa baay’ee hin qabnee qaqqabiinsa gaarii akkanaa maddawwan gargaarsaa geejjibaa barbaachisaatti qabaachun waan haalan gaarii ture.”

“Vawucharoonni kun ru’ii kooti na baraaran! Sagantaa bilisa baasaa akkamii! Beellamoota sababa rakkinni atobisii waan tureef guutudhaan na jala darbuu danda’an qaqqabe. Jireenya koo itti gammaduu fi hiriyoota koo silaa arguu hin dandeenye arge. Yeroo lukaan deemun ykn geejjiba hawaasatiin gara suuqii meeshaa nyaataa deemun akka haalan waan uulfaatatti namatti dhaga’amutti nyaata fayyaaf garii argachuu danda’e. Akka nama hir’ina qaamaa fi dhukkubbii hamaa qabu tokkootti, gargaarsa kana qabaachuu kootif gammachuun qaba!!”

“Hiree vawucharoota Uber Yaabbii Ammaa fayyadamuu qabaachun akka ba’aa guddaa gateettiiwwan koo irraa buusuti.”

Tarkaanfiiwwan itti aanani fi galatoomaa

Sagantaa kana irraa barumsa argannetti fayyadamnee gara fuulduraatti sagantaalee walfakkaatan ilaaluu dabalatee hojii keenya itti fufee jiru beeksisuuf karoorfannee jirra. Yoo ammaaf sagantaawwan addaa karoorfaman qabaachuu baannellee, sagantaan addaa kun odeeffannoo gatii qabu fuulduraaf argachuuf ni gargaara.

Hirmaannaa bakka bu’oota hawaasaa koree gorsitoota keenya ni dinqisiifanna, akkasumas nama hirmaate fi fedhii agarsiisee mara galateeffachuu barbaadna. Nuti kan asi jirruuf isin tajaajiluu, fi yeroo keessanii gatii kennuufi. Shariika maallaqaan nu gargaaree, Transit Planninf 4 All, dhiyeessitoota tajaajila yaabbii fi shufeertota keenya, fi shariikota hawaasaa akka oduun daddabarsuun nu gargaaranis ni galatoomfanna. Galatoomaa.