Find Posts By Topic

Riqichi Dhiha Siyaatil Fulbaana 18 deebi’ee banama jedhamee eegama.


Please note: you can click here to return to the English version of this blog post.


SDOTn baqaqqii waan supheef fi riqichatti keebilii sibiilaa “lafee-dugdaa” gara maayiloota 60 waan itti dabaleef riqichi amma caalan jabaa fi naga qabeessa.

Siyaatil (Hagayya 11, 2022) – Oggaa hojjatoonni suphuu Riqicha Dhiha Siyaatil sadarkaalee dhumaa seenaa jiranitti, Qajeelchi Geejjibaa Siyaatil (SDOT) sadarkaalee ijaarsaa dhiyeenya kana akka karoorfamanitti xumuramanii fi akka riqicha Dilbata, Fulbaana 18 deebi’anii banuuf eegan beeksisan.  Kunis hojiiwwan hafan kanneen akka lilmoo epooksiin/simintoon/ xumuruu, marfamuu kaarboon faayibaraa, daandii konkolaataa dhaabuu, waltajjii sakatta’iinsa nageenyaa dhaabuu, fi qorannoo nageenyaa cimaa dabalatee milkaa’inaan xumuruu irratti kan hundaa’u ta’a. Daangawwan Riqicha Rarra’a Spokane St (riqicha gadi Dhiha Siyaatil jedhamee beekamu) irraa guyyuma sana dhuma.

Suraalee fi vidiyooleen YouTube, Flickr, fi SDOT Blog irra ni jiru.

“Dhuma cufamtii ulfaata kanatti haalan dhiyaachun boqonnaa dha,” jedhan Kantiiban Siyaatil Bruce Harrell. “Cufamuun kun namoota, dhaabbilee daldalaa, fi hawaasa hedduudhaaf hangam akka dhukkubbii ta’e ni hubanna. Jalqabaa qabee nageenyi isaanii ijoo carraaqii suphuu kanaati. Yeroo riqicha deebifnee bannee magaala keenya walitti qabsiisnu, riqichi amma nama maraaf amma caalan jabaa fi nageenya akka qabu amantaa qabaachuun hawaasota keenya walitti fidaa jirra.”

Riqichi Dhiha Siyaatil kan cufame Bitootessa 2020 keessa yeroo to’atonni riqichaa baqaqqii safissaan guddachaa jiru ijaarsa umuriin waggaa-40 irratti arganii dha ture. Baqaqqii dabalataa dhoowwu fi riqicha akka dhaabbatetti tursiisuf SDOTn suphaalee muddamaa 2020 keessa xumure. 2021 fi 2022 keessa, SDOTn riqichi haala naga qabeessa ta’een ba’aa fi cinqii tiraafika guyyuu akka danda’uu jajjabeessuf dizaayinaa fi ijaarsa suphuulee gara dhumaa haalan jabaa irratti hojjataa ture.

“Carraaqin guddaan kun baqaqqiilee suphee akkasumas riqicha caalan jabaa fi naga qabeessa taasise,” jedhe Heather Marx. “SDOT riqichi amma waggoota kurnan dhufaniif jabaatee akka dhaabbatu, umrii jalqabaa yaadame akka guutu amantaa qaba. Waantota guutudhaan mirkaneefachuu hindandeenye pirojeektii rakkisaa kanaa keessa innaa deemaa turretti obsa hawaasaa ni dinqisiifanna.

Nageenyi pirojektii SDOT hunda irratti aantummaa jalqabaati. Riqicha suphuu dabalatee, SDOTn to’atoota sochii, kaameeraalee, fi meeshaalee biroo dhibbaan lakkaawaman ofi keessaa qaban riqicha keessaatti sirna to’annaa qaruutee dhaabe. Sirni kun sochiiwwan haalan xixiqaa ykn guddina baqaqqiiwwan jiran kamuu caqasuu danda’a. Riqicha kana 24/7 kan hordofu yoo ta’u, hojjattoota raawwii suphaa riqicha to’ataniif yeroo qabatamaa keessatti ibsa bal’aa fi akeekkachiisa ni kenna. Madrakiiwwan to’annoo dhaabbataa riqicha keessatti ijaaramu akka to’attoonni waggoota dhufan keessa qaamota riqichaa yeroo yeroon ilaaluu danda’aniif.

Kutaan tattaaffii suphaa kanaa inni guddaan sirna sibiilaa haarawa riqicha keessaa post-tensioning xumuruu ture. SDOT marsaa jalqabaa suphaalee hatattamaa irratti keebiloota sibiilaa haarawaa gara maayiloota 10 fi marsaa dhumaa irratti keebiloota sibiilaa gara maayiloota 50 dabalataan dabaleera. Keebiloonni martuu bilookiiwwan simiintoo fi dhakaa irraa hojjatame riqicha keessatti hodhame addaatin kan gadi dhaabbatee fi utubamee dha akkasumas humna paawundoota miliiyoona 20 olii qabuu kan danda’u dha.

Sirni sibiilaa post-tensioning kun lafee dugdaa riqicha uumuun caasaa konkiriitii guddaa isa marsee jiru walitti harkisee cimsa. Sirni haaraan kun karaa dheerina sadii riqichaa Daandii bishanii Duwamish irratti kan diriiru yoo ta’u, naannoleewwan sirni sibiilaa jalqabaa post-tensioning 1980moota keessa ijaarame hin qaqqabin dabalatee.   

Sirni haaroyni post-tensioning kun suphaawwan biroo riqicha irratti hojjetaman waliin ta’uun kan hojjtu yoo ta’u, kunis networkii baldhaa kaarboonii faayibaraa cimfame kan dallaa riqicha keessaa fi alaa akka lafee cabe irratti marfamee hidhameetti dabalatee hojjata. Hojjatoonni baldhinaan baqaqqiiwwan keessatti epoxy naqan garduraarrayyuu akka hin hammaannee ykn nyaatamuu dhoowuf fi simiintoo baqaaqan walitti hidhuuf. Sirnoonni suphaa kun riqichi kun waggoota kurnootaa, tiraafikaa cimaa, jijjiirama hoʼaa/qorraa, akkasumas haala qilleensaa gannaafi qorraa hamaa taʼe akka dandaʼu qopheessanii jiru.

Riqichi kun osoo hin banamin dura SDOTn riqichi caasaa isaa gaarii fi ummataaf qophaa’aa ta’uu isaa mirkaneessuuf qorannoowwan hedduu ni raawwata. Qorannoon kun meeshaalee ulfaatoo riqicha irra oofuun tiraafikaa fakkeessuun injinaroonni deebii caasaa yeroo qabatamaa keessatti akka hordofanii fi suphaa akka eegametti hojjechaa akka jiru mirkaneessuu kan dabalatudha.

Hojiiwwan biroo riqichi osoo hin banamin xumuramuu qaban kanneen biroo kanneen akka:

  • Itti naquu epoxy/simintoo fi maruu kaarboon-faayibaraa guutuu
  • Yeroo fayyinaa marfata kaarboon-faayibaraa xumuri
  • Waltajjiiwwaan hojii kaasuu
  • Qormaata fe’umsaa fi suphaawwanii sakatta’uu
  • Waltajjiiwwan to’annaa dhaabbataa qaama riqichaa keessa dhaabuu
  • Gubbaa riqichaa irra daandii deebisanii sirreessuu
  • Meeshota ijaarsaa kaasu fi riqicha uummataa qopheessuu

Otuma dalagaan bona guutuu gufuu tokko malee adeemaa tureeyyuu, suphaalee fi yaalii pirojekticha xumuruuf barbaachisu hafe hojii qormaataa fi walxaxaa barbaada. SDOTn haaromsa ijaarsaa itti fufee jiru kennuudhaaf waadaa kan gale yoo ta’u, qormaanni to’annoo isaaniitiin alaa kan hin eegamne guyyaa banamuu irratti dhiibbaa geessisu yoo uumame ummata ni beeksisa.

Adeemsota suphuu hunda keessatti, SDOTn hawaasota South Park, Georgetown, fi Dhiya Siyaatil karooraa fi daawwannaa isaa keessatti fuulduraa fi giddugaleessa godhee jira. Riqicha suphuu irratti dabalatee, tiraafika tasgabbeessu fi naannawaa hawaasotaa fi daldalaa kan akka Highland Park fi Duwamish Valley olloota bakkeewwan tiraafikni riqichaa jijjirame keessa daandiiwwan ollaa caalan naga qabeessa taasisuuf pirojeektota keessatti SDOTn gara miliiyoona $50 investti godhe.

Waan namoonni jedhan:

“Erga cufamee, Dhiha Siyaatil, South Park, fi Georgetown martuu deebi’ee banamuu riqichaati mataa keessaa qabu” jedhe Miseensi Mana Marii Magaala Siyaatil Lisa Herbold. “Riqichi kun Siyaatil hafe waliin deebisee nu wal qunnamsiisuuf torban muraasni qofti waan hafeef har’a hafuura baafachaa jira.”

“Dhumarratti riqicha murteessa kanaaf guyyaan deebi’amee banamuu murtaa’e qabaachuf boqonnaa Dhiya Siyaatil fi naannoo nan qooddadha,” jedhe Miseensi Mana Marii Magaala Siyaatil Alex Pedersen. “Suphaaleen waggoota lamaa olii booda deebi’ee banamuu riqicha kanaa hawwiin otuman eeguu, cufamtiin tasaa kun itti fufuu qaba akka waamicha dammaqqii deebi’ame dursa kennuu fi investi gochuu riqichaaleen dulloomoo keenya irrattti. Magaala guddattuu daandiiwwan-bishaani fi lagootan marfamtee jirtu keessa, riqichaalee Siyaatil baay’ee uummatni keenya fi dinagdeen keenya irratti hirkatan otoo waa hin dhalatin suphuu dursa kennuufii qabna.”

“Maqaa Garee Hojii Hawaasatiin, adeemsa kana keessatti iftoomina magaalichaaf dinqisiifachuu keenya qooduu barbaadna,” jedhe Itti-aantun Dura-ta’aa Garee Hojii Paulina Lopez. “Riqicha suphuun dabalatee, dalagaa nageenyaa sadarkaa-ollaa fi miseensota hawaasa keenyaa fi daldaloota xixiqqaadhaa waggoota lamaa fi cinaa darbaniif magaalicha irraa deeggarsa itti fufuu arigineeti jira. Riqichi deebi’ee banamuuf torbeewwan muraasa qofa hafuu keennatti baay’ee gammadnee jirra.”

“Akkuma Dhiha Siyaatil biraa, magaalattii isa kaan waliin deeb’iee qunnamuuf xiqqoo hinjifachaa jira. Yeroo dhugaa maatii, hiriyoota keenya, hojii, fi ofii keenyaa waliin waan filannu hojjechuuf dabarsinu ni qusanna,” jedhan kantiibaan Siyaatil duraanii fi Dura Taa’aan Walitti qabaa Garee Hojii Greg Nickels. “Riqichi dhumatti akka banamuu fi naga qabeessa akka ta’u beekun jireenya keenya karoorfachuu jalqabuu ni dandeenya. Warri guyyan kun akka ta’uu danda’u gargaartan maraa fi erga Bitootessa 23, 2020 jalqabee warri dhiibban isin irra qaqabe marti obsa agarsiiftaniif galatoomaa!”