Find Posts By Topic

Riqichi Lixa Siyaatil cufiinsa Waggaa 2½ booda deebi’ee banameera.  

Riqichi jabaataa, nageenyi isaa eegame neetwoorkii geejjibaa Siyaatiliif seebi’ee hojiitti seeneera.  


Please note: to return to the English version of this blog post, you can click here.


SIYAATIL – Riqichi lixa siyaatil cufiinsa wsaggaa 2½ booda hojiin shuphaa Qajeelcha Geejjibaa Siyaatil (SDOT)’tiin hogganamu taasifameefii guyyaa har’aa deebi’ee banameera. SDOT riqicha Lixa Siyaatil fi SoDo kanarraa dhorkii kaa’ame kaasuudhaan halkan banaa kan taasise yommuu ta’u, kanaanis namootni akka riqichicha irra konkolaachisanii fi awtoobisii qabachuu danda’anii jiru.

SDOT daangessawwan akkanaa Spokane Street Swing Bridge (low bridge) irra jirus kaasee jira. Siistamni kaameeraa awtoomaatikii dhorkii kanneen raawwachiisaa tures kaleessa 9 p.m irraa eegalee akka dhaamu taasifamee jira. 

Qondaalotni filatamanii fi keessummootni kabajamoo biroon   jiraattotni kumaatamaan lakkaa’aman Lixa Siyaatil keessatti argaman cichoominaa fi jabina agarsiisaniif dinqisiifannaa isaaniif dhiyeessuuf jecha Jimaata, September 16 konfiransii gaazexaa (press conference) sana irratti walitti qabamanii jiru. Viidiyoon taatee kanaas chaanali Siyaatil irratti argama.

Sararaaleen Metro Bus kan King County saglan Wixata gara Riqicha Lixa Siyaatilitti jijjiiramu: sararoota 21/21X, 50, 55, 56, 57, 120, 125, fi sarara ‘RapidRide C’. Metro’n kun high bridge fayyadamuun, Lixa Siyaatil fi Magaalaa Walakkaa Siyaatil gidduutti yeroo imalaa akka hir’isuu fi imaltootaaf itti abdannaa ni fooyyessa.  

Suphi Riqicha Lixa Siyaatil kan dabalatu nearly 60 miles of steel cables post-tensioned to form the new backbone of the bridge. Tokko tokkoon keebilii bilookii konkiriitii haaraa adda ta’e riqichaan walin hidhamee jirutti qabsiifamee jira. Kunis human paawundi miliyoona 20 ol baachuu danda’a. Sirni post-tensioning haarawaan kun qaamolee suphaa riqichichaa biroo waliin hojjeta. Kunimti neetwoorkii baldhaa > 100,000 square feet of reinforced carbon fiber sheets keessoo fi ala keenyan riqicha kanaa rarraasee kan qabee fi epoxy gara konkiriitii baqaqetti galfame gaaloonii 240 caalan hunda qabateera.  

Tooftaaleen suphaa kunneen kan qophaa’an akkaataa riqichichi ulfaatina konkolaataa, akkasumas jijjiirama tempireechara waggoottan kurnan keessatti uumamu keessummeessuu danda’uun qophaa’e. Suphi kun yoo sirnaan xumurame, riqichi kun kan duriisaa caalaa ni jabaata akkasumas waggoottan kurnan dhufanif ni tura.  

Yaaliiwwan dhiyoo taasifaman akka agarsiisanitti, hojiiwwan suphaa taasifaman kunneen haala eegamaniin kan hojjetamaa turan ta’ee; riqichi kun human konkolaattota kumaatamatti lakkaawaman guyyaa tokkotti baachuu haala danda’auun baay’ee jabaatee hojjetamee jira. Injinarootni fi Ogeeyyiin Qajeelcha Geejjibaa Siyaatil, kaameeraa fi seensaroota itti   fayyadamuun akkasumas qaamaan yeroo yeroon bakkichatti argamanii dhiyeenyaan sakatta’uu ittuma fufu.

Yeroo adeemsa suphaa sanatti, ‘crew’ hordoffii dhaabbataa adeemsisuuf jecha keessoo riqichaatti sakattiif dhaabaman qorattootni konkiriirii caasessaa sirnaan sakatta’uuf nama gargaaru. Crews kunneen ammas sararoota left shoulder of the westbound kan baldhisan yommuu ta’u, qorattootni riqichichaa sakattii yeroo yeroon adeemsisaniif, sarara tiraafikaa osoo hin cufiin gara riqicha kanaa akka seenan isaan dandeessisa.  

Hojii suphaa dabalataan, SDOT cufamuu riqichichaa hojii suphaa riqichaa xumuruuf akka carraatti fayyadamee jira. Hojiin kun ‘expansion joints’ fi caasessa mallattoo beeksisaa, dibaa konkiriitii haaraa Fauntleroy Expressway riqicha lixa siyaatil irratti dhangalaasuu, fi gama lixa riqichichaan paaneliiwwan konkiriitii irraa haxaawamanii jiran deebisanii guutuu ni dabalata.