Find Posts By Topic

Karoora Geejjibaa Siyaatil | Karaalee dabalataa yaada keessan nuuf qooddan Marsaa 2ffaa keessatti

Cuunfaa

  • Karoorri Tajaajila Geejjiba Siyaatil (STP) kutannoon keenna sirnna tajaajila geejibaa nama hundaaf banaa ta’e kan nagaa, bu’a qabeessaafi filannaa gatii walqixaawaa ta’e filannoowwan bakka adda addaa fi hiree qaqqabu ijaarudha. Karoora kana uumuuf gargaarsa keessan nu barbaachisa.
  • Waliin, akkamitti magaalicha keessa akka warraaqnu fi daandiiwwan keenya fi bakkeewwan uummataatti gammadnu irra deebinee yaadaa jirra.
  • Kaadhimummaa keenya marsaa jalqabaa irratti waan isin nuuf qooddan dhaggeeffannee karoora baasuu jalqabne. Yoo karaa sirrii irra jiraanne nuuf himaa akkasumas galtee keessan Online Engagement Hub irratti nuuf qoodaa.
  • Karaalee dabalataa STP nu waliin uumuuf gargaaran itti daballee jirra:  
    • Mul’ata, galma, fi kaayyoo STP irra deebi’ii ilaali
    • Fuuldura geejjibaa akkamii arguu akka barbaaddan nuuf qoodaa
    • Gochoota akkamii akka jaalattan fi akkamitti qaama sirna geejjibaa keenyaa ta’uu akka danda’an nuuf himaa
  • Waajjirri Karoora fi Misooma Hawaasaa (OPCD) akkasumas, Fooyya’iinsa Karoora Waliigalaa Siyaatil uumuuf gargaarsa keessan gaafachaa jira. Caalan barachuu fi fulduree fakkii-guddaa Siyaatil qajeelchuf yaadaa keessan qooduf Wirtuu Hirmaannaa Karoora Siyaatil Tokkoo OPCD daawwadhaa.  

Sirna geejjibaa ammas ta’e gara fuulduraatti nama hundaaf haala gaariin hojjatu ni ijaarra.

Karoorri Geejjiba Siyaatil (STP) sirna geejjibaa naga qabeessa, gahumsa qabu, fi gatiin madaalawaa ta’e ijaaruuf kutannoo keenya.  STPn gara fuulduraatti akkamitti magaalattii keessa socho’uu akka barbaannu hunda keenyaaf carraa itti tilmaamnudha.

Yaada keessan anga ammaatti nuu qooduu keessaniif galatoomaa. Isin dhageenyee karoora baasuu jalqabnee jirra.

Kaartaa keenya wal-qunnamtii marsaa 1ffaa irratti yaada keessan nuuf qooddan. Amma kana gara gochaatti jijjiiruuf nu gargaaruu dandeessu.

Marsaa 1ffaa keessatti, isin nuun jettanii… Sana booda, nuti… Amma, marsaa 2ffaa keessatti, akka… 
Dursa geejjibaa keessaniifMul’ata, galma, fi kaayyoo STP qopheesse Mul’ata, galma, fi kaayyoo irratti maal akka yaaddan nuuf himaa  
Mul’ata keessan egeree geejjibaa Siyaatil Egeree geejjibaa Siyaatiliif ta’uu danda’u sadii ibseeraFuuldura kam arguu akka barbaaddan nuuf himaa  
Sirni geejjibaa keenya akkamitti nama hundaaf caalaatti hojjachuu danda’a Kaayyoowwan keenya bira gahuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu dandeenyu qophayan Gochoota kam akka jaalattu fi akkamitti akka gara fuulduraatti tarkaanfannu akka barbaaddu nuuf himi

Nutis isin dhaggeeffachaa jirra.


Hirmaachuu fi yaada keessan qooduuf Giddugala Hirmaannaa Toora Interneetii Karoora Geejjibaa Siyaatil daawwadhaa.

Deebii gaaffilee kanaaf kennitanitti fayyadamnee bu’uura Karoora Geejjibaa Siyaatil ni ijaarra. Uumama STP keessatti qooda fudhachuudhaan sirna geejjibaa nama hundaaf haala gaariin hojjatu ijaaruuf nu gargaartu!



Waajjirri Karoora fi Misooma Hawaasaa (OPCD) akkasumas, Fooyya’iinsa Karoora Waliigalaa Siyaatil uumuuf gargaarsa keessan gaafachaa jira.

Karoorri One Seattle (Siyaatilii tokko) akkamitti Siyaatil caalaatti haqa qabeessa, gatii madaalawaa, fi haala qilleensaa dandamachuu akka dandeessu yaada haaraa ni qorata. Yaadota OPCD ilaalaa jirtu keessaa muraasni: 

  • Giddugala magaalaa ykn gandoota haaraa uumuu-bakkeewwan suuqii fi mana jireenyaa dabalataa namoota ykn maatii hedduudhaaf (akka apaartimentii ykn mana magaalaa) iddoowwan akka naannoo buufata baabura salphaa gara fuula duraatti  
  • Ollaa guutuu ta’e guutuu magaalattii keessatti jiraattota hedduudhaaf bittaa, tajaajila, fi geejjibaa fageenya miilaan deemamu irratti kennu deeggaruun 
  • Tooftaalee filannoowwan mana jireenyaa adda addaa guddaa naannoo baay’ee keessatti hayyaman deeggaruun qaqqabummaa paarkotaa fi manneen barnootaa akkasumas manneen guddina maatii fi carraa abbummaa manaa gatii madaalawaa ta’e guddisuuf  
  • Hawaasa dhiibbaa buqqa’iinsaa mudatan deeggaruuf meeshaalee haaraa qopheessuu fi qe’ee fi hojii argachuun sanyii fi dinagdeen caalaatti akka hammatamu gochuu 
  • Caalan barachuu fi fulduree fakkii-guddaa Siyaatil qajeelchuf yaadaa keessan qooduf Wirtuu Hirmaannaa Karoora Siyaatil Tokkoo OPCD daawwadhaa. 

Waa’ee STP dabalataan baradhaa tii akkasumas yaadawwan keessan afaan filattaniin qoodaa: