Find Posts By Topic

Karoora Geejjibaa Siyaatil | Wixineen Karoora Geejjibaa Siyaatil gamaaggama keessaniif qophaa’ee jira!  

_____ 

Cuunfaa  

  • Waan ji’oota 18 darban keessa isinii fi ollaa keessan irraa dhageenne wixinee Karoora Geejjibaa Siyaatil keessatti hammanne. 
  • Wixineen STP mul’ata waggaa 20 egeree daandii, cinaa daandii miilaa fi iddoowwan ummataa Siyaatil namoota kumaatamaan lakkaa’aman kanneen Siyaatil keessa jiraatan, hojjatanii fi taphataniin odeeffannoo argatedha. 
  • Waa’ee wixinee STP Karoora Geejjibaa Siyaatil Online Engagement Hub irratti karaa hedduun baruu fi gamaaggamuu dandeessu. 
    • Viidiyoo waa’ee STP ilaalaa 
    • STP Ilaalcha Tokko Ilaaluu Irra Deebi’aa 
    • Wixinee STP guutuu irra deebi’aa ilaalaa 
  • Wixinee STP erga ilaaltanii booda akka fooyyessinuuf isin irraa dhagahuu barbaanna. Hanga Onkolooleesa 23tti yaada keessan nuuf qoodaa! 

_____ 

Ji’oota 18 darban keessa waan isinii fi ollaa keessan irraa dhageenne fayyadamnee Wixinee Karoora Geejjibaa Siyaatil (STP) qopheessinee jirra. 

Karoora geejjibaa fedhii nama hunda calaqqisiisu uumuuf miseensota hawaasaa hunda, keessattuu kanneen kanaan dura irraa hin dhagahamne irraa dhagahuu barbaanne. Kumaatamaan lakkaa’amtan muuxannoo, gatii, qormaataa fi yaada keessan nuuf qooduudhaaf gara fuulduraatti tarkaanfattanii jirtu.  

Adeemsa kana keessatti namoonni galtee fi yaada keessan nuuf qooddan hundi galatoomaa! Galteen keessan wixinee Karoora Geejjibaa Siyaatil bocuuf gargaaree jira.  

Amma, wixinee STP kana ilaaltanii galtee keessan akka nuuf qooddan isin gaafanna!  Waa’ee karoorichaa karaaleen itti baruu dandeessan hedduutu jiru – viidiyoo ilaaluu ykn dhaggeeffachuu, sagantaa tokko irratti hirmaachuu, cuunfaa STP gamaaggamuu, yookannillee karoora guutuu dubbisuudhaan. 

Waa’ee wixinee Karoora Geejjibaa Siyaatil baruu fi gamaaggamuuf Giddugala Hirmaannaa Toora Interneetii Karoora Geejjibaa Siyaatil daawwadhaa. Daqiiqaa 10, daqiiqaa 20, ykn sa’aatii tokkoo ol yoo qabaattan, karaaleen itti qooda fudhachuu fi galtee keessan qooduu dandeessan hedduutu jiru: 

  • Viidiyoo waa’ee STP ilaalaa 
  • STP Ilaalcha Tokko Ilaaluu Irra Deebi’aa 
  • Wixinee STP guutuu irra deebi’aa ilaalaa 

Waa’ee STP caalaatti baradhaa: