Find Posts By Topic

Hojiiwwan Ijaarsaa Milkaa’inaan akka Xumuraman eegaman, Riqichi Lixa Siyaatil Adoolessa 2022 deebi’ee ni banama


Please note: you can return to the English version of this blog post, by clicking here.


The West Seattle Bridge, with the city of Seattle visible in the background. The Duwamish Waterway and Port of Seattle equipment are also in the photo.
Photo: SDOT

Siyaatil (June 9, 2022) – Kutaan geejjibaa Siiyatiil(SDOT)n Riqichi Dhiha Siiyaatil hanga torbee Adoolessa 12, 2022tti  deebi’ee banamuuf  saganteefamme jira jechudan har’a beeksisa kenne jira.

Sababa hokkora konkiriitii naannawaa (regional concrete strike)’tiin rakkoon uumame sagantaa piroojektichaa irratti dhiibbaa qaqqabsiisee jira. Kontiraaktarri konistiraakshinii SDOT’s jalqaba irratti konkiriitii guutuu jalqaba waggaa kanaatti eegaluuf karoorfatee ture, ta’us, konkiriitii caasessaa (structural concrete) jabina riqicha sanaatiif murteessaa ta’e sana guutuuf hanga walakkeessa ji’a Eebilaatti eeguun dirqama itti ta’eera.  Dabareen sagantaa beeksisa har’aa kun dheerina yeroo konkiriitiin akka dhiyaatu eeguuf fudhate sana waliin waluma qixa.

Yeroo hokkora konkiriitii sanatti, barfannaa (harkifannaa) hojii hir’isuuf fi pirooketicha karaa biraatiin akka itti fufu dandeessisuuf jecha, SDOT duraa duuba hojiiwwanii qindeessee tolchee jira. Tuutni hojii kunneenis riqicha sana suphuu fi jabeessuuf tasa hojii kan hin dhaabiin yommuu ta’u, turtii yeroo konkiriitiin hanga dhufutti eegamaa ture sanatti ‘epoxy injections fi carbon fiber wrapping’tiin hojjechuu itti fufaniiru.

Konkiriitiin caasessaa ispeeshaalaayizdi ta’e qaama murteessaa/ijoo karoora jabina riqicha sanaa eegsisuuti. Tuutni hojii kunneenis konkiriitii caasessaa sana itti guutuu May 26, 2022’tti kan xumuran yommuu ta’u; konkiriitichi guutummaan guutuutti akka jabaatuu fi humna paawundii miliyoona 20 kan new post-tensioning system waliin hidhata qabu baachuuf isa dandeessisurra gahuuf guyyoota 28 itti fudhate.

Construction workers pour concrete inside the West Seattle Bridge as part of the bridge repairs in May 2022. Four people in construction vests and hardhats work around a wheel barrow inside the bridge.
Photo: SDOT

Tuutni hojii kunneen yeroo ammaa kana adeemsa bilookiiwwan konkiriitii keessa ujummoo diriirsuu fi keebiliiwwan sibiilaa rarraasuurra jiru. Ta’us, keebiliiwwan kanneen hidhuun dura, riqicha sana jabeessuu fi babbaqaqiinsa gara fuula duraatti uumamuu danda’u ittisuudhaaf konkiriitichi fixate akka jabaatu eeguun dirqama.

Caasessa konkiriitii isa dhumaa guutuun erga xumuramee, hojii hafe duraa duubaan fixuudhaaf jecha SDOT kontiraaktara ijaarsaa waliin hojjechaa jira. Kontiraaktara ijaarsaa sagantaa daangaa yeroo hojii kaa’ameef akka kabajus, SDOT kontiraaktara ijaarsaa kana itti gaafatamaa ni taasisuu itti fufa.

Workers pour concrete into the West Seattle Bridge as part of bridge repairs in May 2022. A large truck is connected to the concrete while it is poured using heavy equipment atop the bridge.
Photo: SDOT

Hojiin suphaa xumura piroojektichaa hafee jiru dalagaa bu’aa ba’ii qabuu fi walxaxaa ta’e dha. Iftoominaaf jecha, SDOT guyyaa har’aa yeroodhaaf sagantaa kan beeksise yommuu ta’u, piroojentiin guddina hanganaa qabu hudhaa dabalataa dursa beekamuu hin dandeenye to’annoo Magaalattiin ala ta’e isa quunnamuu akka danda’us jala muree hubachiiseera. SDOT dhimma ijaarsa adeemsifamuu jiru kanaa odeeffannoo waqtaawaa dhiyeessuu kan itti fufu ta’a. Akkasumas sagantaan yoo jijjiirames uummata ni beeksisa.

Riqichi sun wayita sakattaatotni riqichaa daandii umurii waggaa 40 Lixa Siyaatil fi kutaa Magaalattii hafe gama Duwamish Waterway waliin quunnamsiisu irratti baqaqiinsa caasessaa saffisaan dabalaa deemu wayita arganitti bara 2020’tti cufame.

Baqaqiinsa dabalataa ittisuuf fi nageenya uummataa eegsisuuf jecha SDOT ammoo supha ariifachiisaa bara 2020 keessa taasise. Bara 2021 keessa, riqichi sun ulfaatina isa quunnamu fi dhiibbaa tiraafikaa guyya guyyaa akka dandamachuu danda’u akka jabaatuuf gabaasaalee xumuraa qopheessee jalqabeera.  

Suphi xumuraa riqicha sanaa hojmaataalee suphaa ijoo sadii of keessaa qaba: baqaqiinsa sana guutuudhaaf epoxy injections, jabina dabaluuf carbon-fiber wrapping, fi konkiriiticha walitti cafaquuf post-tensioning kan sibiila keebilii waliinii dha. tooftaaleen kunneen walitti, caasessa waliigalaa deebisanii ni jabeessu, baqaqiinsa gara fuula duraa ni ittisu akkasumas waggoottan kurnan dhufaniif riqichicha fayyaalessa ni taasisu.  

Adeemsaalee suphaa keessatti, SDOT kun karooraa fi raawwii isaa keessatti Hawaasa Lixa Siyaatil, South Park, fi Georgetown adda duree fi giddugala taasifatee jira.

People walk through West Seattle along SW Alaska St. A woman wearing medical scrubs walks her dog while two people hold hands and a person walks across the street on the left side. Cars and buildings are visible in the background.
Photo: SDOT

Hojjetootnis hojii supha riqichaa hanga Lixa Siyaatil saffisiisuuf, tiraafika tasgabbeessuuf, fi daandiiwwan qe’ee Highland Park fi Wumamish Valley keessaa, naannawaa daandiin jijjiirraa tiraafikaa hawaasaa fi distiriiktii biiznasii keessa darbu nagaa qabeessa akka ta’u hojjetaniiru. Erga hojiin post-tensioning xumuramee, tuutni hojii dalagaa epoxy crack injections fi  carbon-fiber wrapping isa marsaa dhumaa ni raawwatu. Akkasumas dalagaalee riqicha sana tiraafikaaf deebisanii banuuf qophii taasisan biroos ni xumuru. Hojiin kunis ‘expansion joints’ bakka buusuu, bool’awwan tuutni hojii kun bira gahuu danda’u duuchuun daandicha suphuu, mallattoolee irra keessoo bakka buusuu, paaneloota konkiriitii baha 35th Ave SW jiran bakka buusuu, daandii Fauntleroy Expressway irratti haguuggii konkiriitii kaa’uu, fi daandii jijjiirraa dhiisuu akkasumas  Lixa Siyaatil keessatti mallattoolee tiraafikaa sisirreessuu fa’a dha.