
Akka qaama kaayyoo Mul’ata Zeeroo (Vision Zero) dhaabuu du’a sababa balaa konkolatatiinii fi ubamsa hamaa bara 2030 ttii, “sararoota-gidduu jabaattan” Rainier Ave S hordofnee bakkee qaxamuraa baay’eetti ni dhaabna.
Sararoota-gidduu jabaatan gufuu gommaa xixiqqoo qaxxaamura lukaatti aananii jiran kan namootni konkolaataa oofan marfannoo harka-bitaa suutaa kana dalgagaleessa ta’uurra “rog arfee roga wal-qixaa” ta’e akka godhan gaafataniidha. Magaalota biraa keessatti, jijjiramoonni xixiqqaan saffisaalee konkolaataa qaxxaamura lukaatti haalan gadi xiqqaatu/suuta deeman taasisanii nageenya namoota qaxxaamura lukaa keessaa fooyyessan. (Dabalataan marsaritii keenya irratti dubbisaa).

Isaan kun eessa ta’u?
Kanaa gadi kan jiran bakkeewwan sararoota-gidduu jabaatanif oggaa murteessinu waantonni tokko tokko tilmaama keessa galchine dha.
- Seena warra lukaan deemu ubamanii fi du’anii
- Qaxxaamutoonni mallattoo tiraafikaa toora marfata bitaadhaf murtaa’an hin qabne (kun jechaan, yeroodhuma namoonni lukaan deeman mallattoo qaxxaamuruu qabaatani shufeertonni ibsaa magarisuu qabu)
- Qaxxaamuroota mana baruumsaa ykn gidd-gala geejjibaa irraa fageennya mila ¼ keessa jiran
- Naannawaa jiraattonni galii gadi-bu’aa qabaatanii fi haalan geejjiba hawaasaa irratti hirkatan
Marsaa 1f Rainier Ave S hordofnee qaxxaamuroota afur deebii kennina, 2021 keessa ijaarsa fi saddeeti dabalataa marsaa 2, 2022 keessa. Kaartan dhufu bakkeewwan Marsaa 1 bulee dhan fi Marsaa 2 burtukaanan Rainier Ave S hordofee agarsiisa.

Ibsa Fakkii: Kartaa Kibba Siyaatil, Rainier Ave S dabalatee, qaxxaamuroota 4 Rainier Ave S hordofanii jiran Ijaarsa Marsaa 1f adda baafaman fi qaxxaamuroota 10 ijaarsa Marsaa 2f adda baafaman dabalatee. Qaxxamuroonni filataman S Massachusetts St irraa anga S Othello St tti deemu.
Sararoota gidduu jabaatan qaxxaamuroota dhufanitti dhaabuf karoorfanna.
Marsaa 1
- Rainier Ave S & S Massachusetts St
- Rainier Ave S & S Charlestown St
- Rainier Ave S & S Edmunds St
- Rainier Ave S & S Graham St
Marsaa 2
- Rainier Ave S & S Bayview St
- Rainier Ave S & S Walden St
- Rainier Ave S & S Andover St
- Rainier Ave S & S Genesee St
- Rainier Ave S & S Alaska St
- Rainier Ave S & S Ferdinand St
- Rainier Ave S & S Hudson St
- Rainier Ave S & S Orcas St
- Rainier Ave S & S Holly St
- Rainier Ave S & S Othello St
Waggootii dhiyeenya keessa pirojeektota baay’ee Rainier Ave S hordofnee gaggeessine keessa tokko kun. Namoonni akka lukaan deeman, sigigaachuu, saaykilii oofuu, konkolaataa oofuu, fi imala kooriidarii qabamaa ta’e hordofee jiru naga qabeessa taasisuuf akka qaama sagantaa Mul’ata Zeeroo tti fooyya’insaallee nageenyaa addaddaa xumuurre.
2015 keessa, mile tokko Rainier S Alaska St fi S Kenny St gidduu sarara 4 irraa 3 tti deebisnee saxaxne. Pirojeektiin kun Columbia City fi Hillman City keessa Rainier Ave S hordofee nageenya fooyyesse milka’inaan. Milkii sana irratti ijaarun, marsaa lammaffaa Hillman City fi Rainier Beach jidduu 2017 keessajalqabne. 2019 keessabakkeewwan murtaa’an naannawaa keessatti foyyaa’insaallee qaxxaamuraa gochuu fi sararoota atobisii daballe. Bara darbe, qaxxaamuroota dabalataa baay’eetti fooyya’isaallee goone, fi S Kenny St irraa anga S Henderson St tti saxaxa daandii haaraa xumuurre.